Barreeffama kan barreesse- Abinet Tesfaye (University Of Gondar-Clinical Year 2)
Barreeffama kan hiikame- Anan Asefa (2nd Year Clinical studnet at Jimma University)
Barreeffama gamaaggamame- Dr.Hundaol Shiferaw (MD, Assistant Professor of Internal medicine at Madda Walabu University, Gobba Referal Hospital)
Dhiibban dhiigaa maali?
Dhiigni onnee irraa ka’ee gara qaamatti kan tamsa’u dhiibbaa ujummoo dhiigaa irratti godhuuni. Dhiibban kun qaamaa keenyan akka gad hin buune fi ol hin baanetti too’atama. Kunis kan gubbaa(systolic) 90mmHg-120mmHg akkasumas kan jalaa(diastolic) 60mmHg -90mmHg gidduutti too’atama. Yoo qaamni keenya dhiibbaa dhiigaa too’achuu dadhabe, dhiibban dhiigaa olkaa’un, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa jedhama. Kunis kan gubbaa (systolic) >140mmHg, kan gadii( diastolic) >90mmHg dha.
Dhiibban dhiigaa akkamiittiin ibsama?
Fkn. 120/80
- Dhiibbaa dhiigaa kan gubbaa (systolic):-dhiibbaa onneen dhiiga bittinsuuf, yeroo rukkutu uumamu dha.
- Dhiibbaa dhiigaa kan gadii (diastolic) :- dhiibbaa yeroo onneetti dhiigni guutu uummamu dha.
Dhukkuba Dhiibbaa dhiigaa kan jennu yoomi?
Dhiibbaan dhiigaa 140/90 fi kanaa’ol yoo ta’u dha.
Dhiibbaa dhiigaa fayya qabeessa kan jennu kan gubbaa(systolic) 90mmHg-120mmHg akkasumas kan jalaa(diastolic) 60mmHg -90mmHg yoo ta’u, 120-139/80-89 immoo dhiibbaa dhiigaa duraa ( pre hypertension) jenna.
Sababoota dhiibbaa dhiigaa olaanaa
Sababoota isaa irratti hundaa’un dhiibbaan dhiigaa olaanaa bakka lamatti qoodama.
- Dhiibbaa dhiigaa olaanaa sababni isaa hin beekamne (essential/ primary hypertension)
- Sababa kana jedhamee kan beekamu kan hin qabne yoo ta’u tarii sababoota naannoo irraa fi sababoota jenetikii irraa (environmental and genetics) ni dhufa jedhamee ni amanama.
- 80-95% ni qabata.
2. Dhiibbaa dhiigaa olaanaa sababni isaa kan beekamu (secondary hypertension)
- Sababni kan beekamuu danda’uu fi kan yaalamuu danda’u dha.
Fakkeenyaf dhukkuba kaleerraa ka’uun dhiibbaa dhiigaa olaanaa dhufuu danda’u eeramaa dha.
- 5-20% ni qabata.
Sababoota dhukkubichaaf saaxilan
Umuriidhan dabaluu :- keessumaa dhiiroonni umuriin isaanii 45ol kan ta’ee fi dubartoonni umuriin isaanii 55 ol ta’e carraan qabamuu isaanii guddaa dha.
- Sanyii :- dhiibbaan dhiigaa olaanaa yeroo baay’ee namoota adii ( whites) irra caalaa namoota gurraacha (blacks) irratti kan mul’atu yoo ta’u midhamni inni fiduus guddaa dha.
- Nama dhukkubichaan qabame maatii keessatti jiraachuu
- Furdina qaamaa daangaa darbe
- Sochii qaamaa gochuu dhiisuu
- Tamboo xuuxuu
- Dhugaatii alkoolii baay’isanii dhuguu
- Dhiphina daangaa darbe
- Nyaata ashaboon itti baay’ate nyaachuu
Miidhaalee dhukkubni dhiibbaa dhiigaa olaanaan fidu maali?
- Dhiibbaan dhiigaa olaanaa dhukkuba onnee fiduu danda’a. kunis onneerratti jijjiirama fiduudhaan akka sirnaan hin hojjanne godha. Dhukkubni onnee dhiibbaa dhiigaa olaanaatiin dhufu kun lubbuu namaa hanga baraaruutti ni gaha.
- Dhiibban dhiigaa olaanaa yoo hin yaalamne dhiigni akka sammuu keessatti dhangala’u gochuu danda’a. kunis istirookii (stroke) jedhama. Dhukkubni kun miidhaa qaamaa guddaa geessisuu danda’a.
- Dhiibban dhiigaa olaanaa qaamota keessaa irratti miidhaa fiduu danda’a. Qamoonni kun akka sirnaan hin hojjanne fi dhukkuba dabalataa akka uumaiis ni godha. Fakkeenyaf kalee irratti miidhaa fiduun dhukkuba kalee ni fida.
- Dhukkuba ujummoo dhiigaa (Atherosclerosis)- Coomni Ujummoo dhiigaa keessatti akka kuufamu gochuun qaamni keenya akka dhiiga seeraan hin arganne gochuun dhiibbaan dhiigaa olaanaa miidhaa qaama irratti ni fida.
Wal’aansa fi ittifannoo dhiibbaa dhiigaa olaanaa
- Dhiibbaa dhiigaa olaanaaa sababni isaa hin beekkamne (essential/primary hypertension) fayyuu hin danda’u. Dhukkubni kun akka miidhaa hamaa hin geessisne fi fayyaa keenya akka hin miine gochuun garuu ni danda’ama. Kunis: –
- Mana yaalaa dhaquun haala fayyaa keenyaa yeroo yeroon hordofuu fi qoricha ogeessi fayyaa nuuf ajaje sirnaan fudhachuun barbaachisaa dha.
- Haala jireenya keenyaa fooyyessuu- furdina qaamaa daangaa darbe sirreesssuu fi ispoortii hojjachuu, nyaata keenya irraa ashaboo hir’isuu, nyaata irratti kuduraalee fi muduraalee fayyadamuu, dhugaatii alkoolii hir’isuu, tamboo xuuxuu dhiisuu.
2. Dhibiban dhiigaa olaanaa sababni isaa kan beekamu(secondary hypertension) yaalamee fayyuu danda’a . Dhukkuboota biroo dhiibban dhiigaa olaanaa kun akka uumamu godhe yaaluu dhaan dhiibban dhiigaa gara dhiibbaa fayya qabeessatti akka deebi’u gochuun ni danda’ama.
Duudhaa fayyaa
Odeeffannoo fayyaa keessaniif faayidaa qabuu fi mirkanaa’e
Duudhaa fayyaa kanneen keessatti
Liinkii hordofuu dandeessu. https://linktr.ee/Yetena_Weg