Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan maali?

Barreeffama kan barreesse- Dr.Heaven Mekeru
Barreeffama kan hiikame- Anan Asefa (2nd Year Clinical studnet at Jimma University)
Barreeffama gamaaggamame- Dr.Hundaol Shiferaw (MD, Assistant Professor of Internal medicine at Madda Walabu University, Gobba Referal Hospital )

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan addunyaa irratti yeroo hunda  kan namoota hedduu hubu dha. Dhukkubni kun irra caalaa kan hubu kutaa sombaa qilleensi itti wal jijjiiru yoo ta’u dadhabina hafuura baafannaa salphaa irra hanga balaafama guddaa fida.

Sababoota Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa ergamtoota dhukkuba fidaniin kan uumamu dha. Isaan keessa kanneen ijoos:-

  • Baakteeriyaa
  • Vaayiresii-(COVID 19 fi vaayirasoota biroo kan qufaa fidan dhukkuba sombaa fiduu danda’u)
  • Fangasii (yeroo baay’ee dhukkubni kun kan mul’atu namoota dhukkuboota dabalataa kan akka HIV, dhukkuba sukkaraa qabani ykn namoota dandeettii dhukkuba ofirraa ittifachuun isaanii gadi bu’ee irratti.

 

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan ni daddarbaa?

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa vaayiresiin dhufu qufaa ykn haxxiffannaan qilleensatti wal-makamuu nama irra gara namaatti daddarbuu ni danda’a. Dabalataanis meeshaalee vaayiresiin kanneenin faalaman tuquudhaan darbuu danda’a. Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa fangasiitiin dhufu namaa gara namatti hin darbu.

 

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaatif namoonni irra caalaa saaxilaman eenyu dha?

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa nama kamiyyuu hubuu ni danda’a. Haata’u malee kutaaleen hawaasaa kanneen armaan gadii haala addaatin saaxilamaa dha.

  • Daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’an fi namoota umuriin isaanii 65 ol ta’e
  • Namoota tamboo xuuxan 
  • Dhukkuboota kan akka asmii fi dhukkuba onnee qaban.
  • Namoota dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii dadhabe( HIV wajjin kan jiraatan, qoricha kaansarii kan fudhatan ykn namoota Kanaan dura baqaqsanii yaaluudhaan qaama jijjirraa godhameef
  • Namoota dhukkuba ujummoo sirna hargansuun qabaman
  • Sababa adda addaatin namoota hospitaalatti argaman( keessumaa namoota meeshaa hafuuraa/ ventilator irra turan)
  • Namoota Keemikaaloota somba miidhan kan akka aara fi gara biraatiif saaxilaman
  • Sababa Stirookii fi dhukkuboota kokkee adda addaatin nyaatni ykn goroorri gara ujummoo qilleensaatti galuun dhukkuba sombaatiif saaxiluu danda’a.( haala wal-fakkaatun araada qorichaa, dhugaatii ykn dhukkuboota biraatiin namoonni of wallaalan dhukkubichaaf saaxilamaa dha.)

 

Mallattoowwan Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa

Mallattoowwan Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa akkuma akaakuu ergamtoota dhukkuba fidaniittti, umurii fi haala fayyummaa dhukkubsataa irratti hundaa’un garaagarummaa qabaachuu danda’u. Haata’u malee kanneen armaan gadii beekamoo dha.

  • Qufaa akii qabu
  • Qaama gubaa ykn qorra qorra jechuu
  • Afuura kutaa
  • Waraansa laphee yeroo hafuura baasaniif galchan hammaatu
  • Miira dadhabbii
  • Fedhii nyaataa dhabuu
  • lolloojjii

 

Qorannoo fi wal’aansa Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa

Qorannoowwan dhiigaa, raajii laphee (chest x-ray) sadarkaa oksijiinii dhiigaa safaruu, qorannoo akii, dhangala’aa naannoo sombaa jiru irraa lilmoodhaan fudhachuun qorrannoon ni raawwatama. Akka barbaachisummaa isaatti ‘CT’ skaanii fi biroonkoskooppiinis ajajamuu danda’a.

Wal’aansa sirrii ta’e yoo argatan Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan yeroo baay’ee balaa garabiraa otoo hin geessin fayyuu danda’a.

Wal’aasnichis gosa Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa, hammam akka ulfaataa ta’e fi fayyaa waliigalaa irratti kan hundaa’u ta’a.

 

Qorichi farra baakteeriyaa Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa sababa baakteeriyaatiin dhufu wal’aanuu ni danda’a. Qoricha isiniif ajajame kana otoo hin xumurin dursanii dhaabuun hubamni guutummaatti akka hin buqqaane gochuudhan dhukkubichi akka deebi’uuf carraa kenna. Dabalataanis baakteeriyaa wal’aanuuf rakkisaa ta’e fi kan qoricha bare akka uumamu godha. Kanaafuu waan fayyitan isinitti fakkaatus qoricha keessan otoo hin xumurin addaan hin kutinaa.

  • Qorichi farra baakteeriyaa vaayiresii irratti hin hojjatu. Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaa baayyeen kan vaayiresiitiin dhufan turban tokkoo hanga sadiitti kunuunsa mana keessatti godhamuun ofumaa fayyu. Boqqonnaa baay’ee argachuun, dhangala’aa akka gaariitti dhuguun, akkasumas akkuma barbaachisuummaa isaatti qoricha dhukkubbii fi hoo’a qaamaa hir’isu (paaraasetaamoolii, aayibuupiroofeen fi aspiriin ) ogeessa fayyaa waliin mari’achuun fudhachuun dhukkuba kana irraa fayyuun ni danda’ama.
  • Qorichi farra fangasii dhukkuba sombaa fangasiitiin dhufu wal’aanuuf ni fayyada. Hubamni akka buqqa’uuf qoricha kana torban hedduuf fudhachuun ni barbaachisa.
  • Mallattoowwan dhukkubichaa yoo hamaa ta’an ykn dhukkuboota cinaa garabiraan yoo jiraatan hospitaalatti ciisun barbaachisaa ta’a.

 

Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan miidhaa hamaa akkamii fiduu danda’a?

Baakteeriyaan somba irraa gara dhiigaatti galuun hubama gara qaamoota biraa raabsuu danda’a. 

Oksijiinii gahaa argachuuf rakkachuu, yeroo kana meeshaa hafuuraa fayyadamuun ni barbaachisa.

Dhangala’aa naannoo sombaatti kuufamuu

Somba keessatti malaa qabuu

Hanqinni fayyaa duraanis yoo jiraate Somba Qorri Rukutuu/ Nimooniyaan dhukkuboota biraa hammeessuu ni danda’a.

 

Duudhaa fayyaa

Odeeffannoo fayyaa keessaniif faayidaa qabuu fi mirkanaa'e.

Duudhaa fayyaa kanneen keessatti

Liinkii hordofuu dandeessu.  https://linktr.ee/Yetena_Weg